Qoramtee hin beekamtuu at hin madaalamtu
Aangoof waaqummaakeeni hin dorgomu eenyumtuu
Alfaadhaaf oomeegaa hoogganaa macca hundaa
Kan homtuu hin qaqqabnee sadarkaa addaa qabdaa
Kan waaqeffamuun ta'uufi si'i yesuus
Hojiin harka keetii qulqulluuf qajeelaa
Yaadniif ilaalchikee dogoggoraan alaa
Murtoon at kennituu hin daanga'uu haalaan
Waaqa araaraan guutuu jajamuun siif Malaa
Macci argamu hundinuu utuu hin uumaminii
Lakkoobsi barootaa utuu hin eegalamini
Kan turte kan jirtuu darbitee kan mootuu
Siif mallaani malee kee hirate ani hin guutuu
Hoofudhu gooftaa an siifan kennaa