Guddaan kaleessaa harra iddoon qabuu
Seenaan hojiisaas awwaala hin darbuu
Kan kee maqaanii hin daangeffamuu
Yoo faarfatamee takkaa hin quufamuu
Faarfatamee kan hin quufamnee
Lallabamee kan hin quufamnee
Weeddifamee kan hin quufamnee
Qulqulluu guddaa maqaakee
Eenyu wajjin wal fakkaatta
Macci hundinuu siif bitamaa
Kabajamtee jiraattaa at eelshaadaayidha
Hin jiru guddaan akkakee hin jiru